(FBC)- Sirni awwaalcha Weellisaa Alamaayyoo Isheetee raawwateera.
Sirni awwaalcha Weellisa Alamaayyoo Isheetee Kaateediraalii Sillaasee Qiddiist Maanbaaraa Tsaabaaโootitti raawwateera.
Harโa addababaayii Masqalaatti sirni gaggeessaa reeffa weellisicharratti itti aantuun kantiibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee fi hoggantoonni mootummaa biroon, maatii, dinqisifattoonnii fi ogeeyyiin aartii argamaniiru.
Sirni awwaalch Weellisa Alamaayyoos bakka maatiin firoottanii fi dinqisifattoonni isaa argamaniitti raawwateera.
Sirbasaa โTemaar Lijeeโ jedhu dabalatee sirbootasaan baroota hedduu lakkoofsisaniin miiraa namoota hedduu kan boojiโuu muziiqeessaan Alamaayyoo Isheetee Hagayya 27, 2013 halkan walakkaa tasa lubbuun isaa darbuu beekameera.
Weellisaan kun sirbasaa โbaradhuu ilmakoo halkanni aduudhaa kan hin baranneef ammoo guyyaan dukkanaaโฆ.โ Jedhuun miiliyoonataa boojiโeera.
Weellisaa Alamaayyoo Isheetee waggoota 60f Muuziqaa Ityoophiyaa keessatti nama tajaajilaa tureedha.
Waldaan Weelliftootaa akka hundaa fi mirga ogummaa aartiif qabsaa turuu isaa ibsameera.
Alamaayyoo Isheetee Afaan Amaaraa, Afaan Oromoo fi kanneen biroon sirboota garaagaraa ummata fi jaallattoota isaan gaโeera.
Adda Waraanaa biyya keessaa fi alaarratti Muuziqaa dhiyeessuun loltoota jajjabbeessuu keessatti hojii hedduu hojjechuus himameera.
Faanaa Broodkaastiing Koorpooreet irraa deebiin boqachuu weellisaa Alamaayyoof gaddaa itti dhagaโaamee ibsuun maatisaaf, firaattoonnii fi dinqisifattoota isaaf jajjabina hawweera.
FBC