Preezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa obboย Shimallis Abdiisaan qeerroo fi qarree Oromoof Waamicha dabarsaniiru.
Ummanni Oromoo yeroo biyyi rakkoo keessa galtuu fi birmadummaan biyyaa sarbamutti dirqama gootummaa olaanaa fudhachuu fi bahachuun kan beekamu taโuu ibsaniiru.
Guutummaan Isaa Akka itti aanutti dhiyaateera:-
Ummanni Oromoo saboota, sablammootaafi ummattoota Itoophiyaa biroo waliin taโuun dhiigaafi lafeen biyya guddoo Itoophiyaa ijaare.
Adeemsa ijaarsa biyyaafi birmadummaa biyyaa tiksuufi kabachiisuu keessatti Oromoon gootota kumaa kitila wareegee gootota heddus horate.
Gootonni Oromoo dirree gootummaa hunda keessatti gumaacha olaanaa gumaachuun beekamu.
Waraanaa keessatti adda durummaan hiriiruun injifannoo galmeessuun beekamu. Qotanii oomishuun utubaa lafee dugdaa dinagdee biyyaa taโaniiru. Dorgommiiย ispoortii idil-addunyaarratti maqaafi alabaa biyyaa ol kaasanii mulโisaniiru.
Gootota gam-hundaan horachuun kun ammoo, dhaloota kaleessa xiinxalee harโa hubatee egeree tilmaamuu dandaโu horachuuf shoora olaanaa qaba.
Ummanni Oromoo yeroo biyyi rakkoo keessa galtuufi birmadummaan biyyaa sarbamutti dirqama gootummaa olaanaa fudhachuufi bahachuun beekama.
Waraana Adawaa irratti gootonni Oromoo biyyoota galaana qaxxamuranii Itoophiyaa koloneffachuuf dhufan waaroo salphinaa itti uwwisuunย injifannoo boonsaa ummata gurraacha mara mataa ol qabu galmeessaniiru.
Injifannoon Aduwaa hariiroo olaantummaafi gand-aantummaa ummata adiifi gurraachaa gidduu ture cabse. Seenaa jijjire.
Walqixxummaa adiifi gurraachaa mirkaneessuun boqonnaa haaraa saaqe. Waraana Adwaa koloneffattoota waliin taasifame keessatti gootonni Oromoo birmadummaa Itoophiyaa eegsisuuf jecha wareegaman seenaa keessatti maqaan isaanii ifee mulโata.
Yaadannoon oolmaa gootummaa Maacoo, Arduwaa, karaamaarraa fi kkf ragaa guddaadha.
Qeerroofi Qarreen Oromoo humna waggoota 27 guutuu ummata Itoophiyaa cunqursaafi saamaa ture hiddaan buqqisuun qilleensi bilisummaa Itoophiyaa keessa akka jiraatu, mirgoonni namoomaafi dimokraasii akka kabajaman adda durummaan qabsaaโuufi wareegama qaalii kaffaluun gootummaa isaanii agarsiisaniiru.
Harโas duula wayyaanee dhabamsiisuu Muummeen Ministiraa Dr. Abiyyi Ahmed labsan keessatti ummanni Oromoo akka ummataatti qeerroofi qarreen ammoo addatti kumaataman Raayyaa Ittisa Biyyaatti makamuun gootummaa olaanaan awwaala wayyaanee tolchaa jiru.
Qeerroofi qarreen Oromoo gootota kaleessaa faana dhahuun biyyaafi ummataaf wareegamuun gootummaa olaanaa taโuu hubatanii dirqama isaanii bahaa jiru.
Biyya tiksuufi birmadummaa biyyaa kabachiisuun mirga otoo hin taane dirqama seenaati. Dhaloonni kun ammoo hoggana gootummaa guutuu qabu, kan duulee duulchisu, qormaata kamiifuu hin jilbeeffanne qaba waan taโeef carra qabeessa.
Ummanni hoggana isaa cinaa hiriire, gootoomee gootomsu seenaa hin jigne ijaarrata.
Waan taโeef, qeerroofi qarreen Oromoo fakkeenyummaa Mummee Minstiraa Dr. Abiyyi Ahmed hordoftanii akkuma kaleessaa seenaaย ย harโas Raayyaa Ittisa Biyyaatti makamuun seenaa gootummaaย abbootii keessanii akkaย dabaltan maqaa Mootummaa Naannoo Oromiyaan waamichaa koo dhiyessa.
Shimallis Abdiisaa, Pirezidaantii MNO
Sadaasa, 24/2014
Finfinnee