Mootummaan Naannoo Oromiyaa dargaggoonni Oromoo karaa dogoggoraan farrummaa garee shororkeessaa shaneetti osoo hin hubatiin itti makaman hundi karaa nagaan harka akka laataanย waamicha dhiyeessera.
Guutuun ergichaa akka armaan gadiin dhiyaateera:-
Humni shoroorkeessaa Shaneen kaleessaa hanga harโaatti caba siyaasaa, dinagdee fi hawaasummaa ummata Oromootiif sababa taโuurraa kan hafe akeekaa fi kaayyoo siyaasaa dantaa saba balโaa milkeessuu dandaโu qabatee yeroon mulโate tokkollee hin jiru. Maqaa jaarmiyaa maayii hin baasne kanaan eenyummaafi kabajni namoomaaย ummataย Oromooย sarbamaa turee jira. Gaafa sabni balโaan qabsoo farra cunqursaatiif isa waammatu hin birmanne; harโa yeroo Oromoon wareegama qaalii kaffaleen ulfina isaaf malutti imalaa jirutti shaneen warra gumaa waliin hiriirtee ummata Oromoo cabsuuf akeeka baandummaa ishii ifatti nutti agarsiiste. Kaleessa sababa isaatiin, harโa ammoo gochaa farrummaa inni raawwatuun ajjechaa fi salphinni Oromoodhaaf hin malle irratti raawwataa jira.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa saba guddaa kanaaf aadaa siyaasaa ammayyaaโaa wal-hubannaa buโuureeffateetu mala jechuunย humna shororkeessummaa filate kana daandii nagaatti deebisuuf yaaliinย hin taasifne hin jiru. Ulfina saba balโaaf jedhamee kadhaa fi sosobbii yeroo garaagaraatti taasifame kana fudhachuun karaa nagaatti deebiโuurra, inumaayyuu humni kun dinoota kaleessa Oromoo salphisan waliin hiriiruunย uumama gantummaa fi baandummaa isaa ifatti nutti agarsiisee jira.
Dargaggoonni baayโeen akeekaa fi kaayyoon shanee Oromoo salphisuu akka taโe dursee galuufii isaatiin jaarmiyaa badii kana dursanii kan gadhiisan yommuu taโu, kanneen hafan garuu yeroo humni kun warra gumaa- TPLF waliin hiriiruu isaa arganย hirmii baafatanii karaa adda addaatiin harka isaanii mootummaatti kennaa turanii jiru. Yeroo ammaa kanas waamicha Abootiin Gadaa dabarsaniin dargaggoonni lakkoofsi isaanii salphaa hin taane harka isaanii mootummaatti kennaa jiru.ย Kanneen lakkoofsi isaanii xiqqaa hin jedhamne ammoo karaa humna nama nyaataa kana jalaa itti miliqan dhabdanii wareegama hin malle kaffallaa jiraachuu Mootummaan Naannoo Oromiyaa quba qaba.
Waan taโeef, dargaggoonni Oromoo karaa dogoggoraan farrummaa garee shororkeessaa shanee otoo hin hubatiin itti makamtan marti, humna shoororkeessaa ummata Oromoo salphisuu malee kaayyoo biroo hin qabneef, umrii dargagummaa keessaniin hin taphatinaa. Dargaggummaan yeroo yaadaafi yaadama sirrii hordofnee egeree keenyaaf buโuura cimaa itti keenyuudha. Kan isniif maluย wareegama hiika hin qabne osoo hin taane, qaama warraaqsa dinagdee Oromiyaa taโuun Oromiyaa waliin badhaadhuudha.ย Golli Oromiyaa balโaadha. Mariif marabbaan waliigallee, humnaafi beekumsa qabnuun qixa sirriin hojjennaan, qabeenyi Oromiyaa ummata Oromoo qofa otoo hin taane Itoophiyaa irra darbee Gaanfa Afrikaa jijjiiruu dandaโa.ย Nageenyi waaraa buโee badhaadhinni ummata keenyaa akka hin dhugoomne kan nu danqaa jiru siyaasa jalโinaati. Kiyyoo siyaasa jalโinaa keessaa baatanii karaa nagaatti akka deebitan ammas irra deebiin waamicha isiniif dabarsa. Mootummaan Naannoo Oromiyaaย ย badii kaleessa balleessitan isin irratti hin laalu, gara-balโinaan, miira jaalalaa fi obolummaatiin isiin simachuuf qophii dha.ย Kanaaf, dargaggoonni garee shoororkeessaa shanee keessa jirtan caasaa mootummaa sadarkaan jirutti harka akka kennattanย waamicha isinii taasisa.
Mootummaa Naannoo Oromiyaa
Amajjii 16, 2014