Akkaataa waliigaltee nageenyaatiin loltoonni durii hawaasatti makamanii jireenya nagaa akka jiraatan mootummaan kutannoon hojjechaa akka jiru komishinarri komishinii haaromsa biyyaalessaa ambaasaaddar Tashoomaa Toogaa ibsan.
Qaama hojiirra oolmaa waliigaltee nageenyaa mootummaa fi ABUT mallatteessanii kan taโe waltajjiin qooda fudhattootaa maree dhimmoota haaromsa biyyaalessaarratti xiyyeeffate harโa Maqaleetti taaโamaa jira.
Maricharratti kan argaman ambaasaaddar Tasoomaan, komishiniin haaromsa biyyaalessaa lakkoofsa danbii mana maree bakka buโootaa 525/2015 โn hundaaโee hojii jalqabuusaa dubbataniiru.
Akkaataa waliigaltee nageenyaatiin loltoota hidhannoo hiiksisuu, gara jiddugaleessa tokkootti sassaabuu fi haaromsa barbaachisu raawwachuun ijaarsa nageenyaa, misoomaa fi demokiraasii keessatti akka hirmaatan nihojjetama jedhaniiru.
Waraanni ture miidhaa olaanaa kan geessisee fi Itiyoophiyaanonni dhaabbatanii akka ilaalan barumsa kennee kan darbe taโuu dabalanii ibsaniiru.
Kanaaf fuula dura โwaraanni nugahe jechuu qabnaโ kan jedhan ambaasaaddar tashoomaan, waltaanee Itiyoophiyaa ijaaruurratti xiyyeeffachuu qabna jedhaniiru.
Mootummaan waliigaltee nageenyaa hojiirra oolchuun hojiiwwan gurguddoo hojjechaa akka jiru, hojiin loltoota hidhannoo hiiksisuu fi loltoota hawaasatti makuu akka milkaaโu kutannoon hojjechaa akka jiru kaasaniiru.
Loltoonni duraanii akkuma lammmii kami jireenya tasgabbaaโaa akka jiraatan deeggarsi barbaachisu hundi kan taasifamu yoo taโu, hojiirra oolmaasaatiif kutannoon namoota siyaasaa fi qooda fudhattoota biroo murteessaadha jedhaniiru.
Loltoonni duraanii humnaa fi beekumsasaaniin misooma ummatasaanii fi biyyasaaniif cimanii hojjechuuf qophaaโuu akka qaban waamicha dhiheessaniiru.
ENA