Ityoophiyaan gootota ijoollee isheen bilisummaadhaan jabaattee itti fufti jedhan Muummeen Ministiraa fi Ajaajaan Waliigalaa Raayyaa Ittisa Biyyaa FDRI Abiy Ahimad.
Akkaadaamiin Loltummaa Ityoophiyaa qondaaltota kaadhimamtootaa leenjisaa ture mana Barnootaa Leenjii Konteenjantii Huursootti eebbisiiseera.
Muummeen Ministiraa fi Ajaajan Waliigalaa Raayyaa Ittisaa Biyyaa Abiy Ahimad sirna eebbichaarratti ergaa dabarsaniin Ityoophiyaan gootota waan qabduuf bilisummaan jabaattee itti fuftee jiraatti jedhan.
Akkasumaas Ityoophiyaa badhaatee fi jabduu ijaaruun cimee akka itti fufu eeranii, qondaaltonni eebbifamtoonni , itti gaafatamummaa Ityoophiyaa cimtuu itti fufsiisuuf waadaa galan mirkaneessuu akka qaban hubachiisaniiru.
Goota jechuun waadaa galeef kan wareegama kaffaluu taโuu himanii, Ityoophiyaa kabaja ishee guutuun dhalootatti ceesisuuf qophii taโuu barbaachisa jechuusaanii TOI gabaaseera.
Tooftaa loltummaa dabalatee dameewwan hundaan qophii fi gochaa guddummaa itti mulโateen eebbaaf kan gaโan, bakka Hidhi Guddicha Haaromsa Ityoophiyaa itti argamu moggaasa โGuubaaโ jedhu kan qabu taโuun eebbicha kan duraaniirraa adda taasisa jedhaniiru.
Qondaaltonni eebbifamtoonni, ofii isanii beekumsaan gaโoomsuun, tattaffachuun, barachuun, ammayyummaan, hojii fooyyaโaaf ofii isaanii qopheessuuf akka tattaafatan hubachiisaniiru.
FBC