Finfinnee, Bitootessa 25, 2015 (FBC)-Hidhi Guddichi Haaromsa Ityoophiyaa yaaโicha dabalatee faayidaa biyyootaa kan eegsisu pirojektii fakkeenyummaa misoomaa Afrikaati jedhan Dippilomaatiin Duraanii, Gaazexeessaa fi Xiinxalaan Sudaan Makkii Almoogiraab Ibsan.
Makkii Amoogiraab Faanaa Biroodkaastiingi Koorporeet waliin turtii taasisaniin akka jedhanitti, Hidhi Haromsaa qajeelfamoota eegumsa naannawaa waliin walsimuu fi damee misomaa anniisaan sochii hawaas-diinagdee Ardichaa saffisisuudha.
Hanqina anniisaa guutuuf, walitti hidhamiinsa diinagdee naannawaa cimsuu fi fayyadamtoota anniisaa murteessoo sochiiwwan misoomaa saffisiisuuf akka tumsu ibsameera.
Hidhichi biyya isaaniif balaa lolaa hordofsiisuu fi soda hirโisuu akkasumas dhiqamaa biyyee hambisuun tajaajiloota garaagaraaf kan oolu bishaan qulqullaโee fi walgitaa waliin gahuuf fayyadamummaa olaanaa akka mirkaneessu akeekeera.
Ijaarsaa fi itti fayyadama pirojektichaa irratti yaadota faallessoo kaโan ilaalchisee akka jedhanitti, dhimma hidhichaa qabiyyee idil addunyaa qabsiisuuf yaaliiwwan taasifaman fudhatama akka hinqabneedha.
Daandii furtuu garaagarummaa taโuu kan dandaโus, Ityoophiyaa, Ijibtii fi Sudaan gidduutti marii gaggeeffamu qofaan taโuu dubbataniiru.
Dhugaawwan Afrikaa Addunyaa hubachiisuufis taโe pirojektiiwwan guguddaa akka hidhaa Abbayyaa dhiibbaawwan alaa irraa ittisuuf miidiyaan ardii barbaachisaa taโuu kaasnaiiru.
Hojiirra oolmaa isaafis lammiileen Afrikaa hundi gahee gama isaanii bahachuu qabuโ jechuun Makkii Almoogiraab kan hubachiisan.
Ijaarsa hidhichaa yeroo sadii kan daawwatan taโuu eeruun, ilaalchi gaariin dhimma hidhichaarraatti qaban akka hinjijjiiramnee fi qabeenyaa boonsituu Afrikaanota hundaati jedhu.
Lammiileen Sudaanis taโe Afrikaanonni biroon yaada walfakkaataa akka qabaataniif gahee gama isaanii bahachaa jiraachuu dubbatu.
Waliigaltee Piritooriyaan walqabatee akka jedhanitti, jijjiiramoota waliigaltechaan booda dhufan akka hubatan kaasuun, hojiileen invastimantii fi tuuriizimii sochii gaariirraa jiraachuu akkasuma haalonni duraan turan bakka isaanitti deebiโaa akka jiran eeraniiru.
Haalaa waqtaawaa Ityoophiyaa fi Sudaaniin walqabatees, dureewwan biyyootaa mariin furuuf sochiin taasisaa jiran cimee itti fufuu akka qabu, hariiroo ummataa fi ummataa akkasumas walitti hidhamiinsa diinagdee miseensota hawaasaa daldalaa cimsuun, fayyadamummaa waloo mirkaneessuun akka dandaโamu ibsaniiru.
FBC