Humna Addaa Naannolee hojiin deebisanii gurmeessuu ammaa kan eegalee miti jedhan, Itaamaajoor Shuumii Itti aanaan Waliigalaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Jeneraal Ababaawu Taaddasaan.
Jeneraal Ababaawu Taaddasaa dhimmicha ilaalchisuun ibsa kennaniin, hojiin humna addaa deebisani gurmeessuu yeroo dheeraa qoratamaa kan ture malee hojii amma eegale miti jedhan.
Qorannichi, cimina humnoota addaa naannolee kan ilaale taโus, gurmaaโinni humna addaa hanqinaa akka qabu fi seera qabeessa akka hinturre akeekaniiru.
Heerri mootummaa biyyaa wayita ilaalaamus gurmaaโinichi seera qabeessa akka hintaanee fi heerris beekamtii hinkennu jedhu Jeneraal Ababaawu.
Ijaarsi Humna Addaa, sabummaarratti kan buโuureffate taโuu himanii, kun ammoo duudhaa waliin jireenya ummatootaa kan laaffisuudha jedhan.
Daandii furtuu siyaasa biyyattii kan balleessee taโuu eeruun, kunis โHeeraa mootummaa keenyaan siyaasnii fi humni walfaana hindeeman; kanaafis beekaan siyaasaa yaadaan injifachuu wayita dadhabu ulee biraa qaba jechuudha; humna addaa hidhate ol fudhataโ jechuun ibsu.
Qorannichaan humni addaa naannolee sirrii miti erga jedhamee waggoota afur akka lakkoofsise eeraniiru.
โHaaluma kanaan humna kana irra deebiin haa gurmeessinu jedhamee murtaaโe malee haa diigamu, hidhannoo haa hiiksisnu hinjedhamneโ jedhan.
Daandiiin ittiin gurmaaโus akkaataa fedhii isaaniitti Raayyaa Ittisaa Biyyaatti, Poolisi Federaalaa fi poolisii idileetti akka makaman kaaโameera jedhan.
kunis kabaja, haamilee fi faayidaa isaa haala hintuqneen akka raawwatamu sagantaan qabamuu eeraniiru.
โKun hammeenyaa hinqabu; seera kan qabsiisu; yeroo kan kennineef rakkoo biraan waan tureefโ jedhan.
Naannolee hunda haala hirmaachiseen qorannichaarratti yeroo dheeraaf irratti mariโatamee kan murtaaโe taโuu kaasaniiru.
Qorannoo kana raawwachiisuu kan dandaโu koreen biyyaalessaa hundeeffamuu eeranii, kunis kan taasifameef raawwii isaarratti hanqinni akka hinjiraanne yaadamee taโuu Jeneraal Ababaawu Taaddasaan himaniiru. KRIB
Odeeffannoon Wayitaawaan bakka jirtanitti akka isin dhaqabuuf fuula miidiyaa hawaasaa OBN irraa odeeffannoo wayitaawaa argachuu yoo feetan:\OBN