Humni Waloo Nageenyaa ibsa baaseera.
Humni walichaa humnoota finxaaleyyii biyya keessaafi alaa naannoo Amaaraatti aangoo naannichaa humnaan qabachuuf sochoโan irratti tarkaanfii seeraa keessa deebii hin qabne fudhachaa jiraachuu Eebla 20, 2015 beeksisuu yaadachiiseera.
Humni walichaa tarkaanfii fudhachaa jiruun shakkamtoota gareen qindaaโuun gocha shororkeessummaa raawwachuun argaman 47 meeshaalee waraanaa hedduu waliin toโannoo jala oolchuu ibseera.
Shakkamtoonni kunneen ajjeechaa aangaโoota olaanoo naannoo Amaaraarratti qiyyaafachuun, sirna heera mootummaa humnaan diiguun caasaa mootummaa naannichaa toโachuun mootummaa federaalaa humnaan fonqolchuuf biyya keessaafi alatti qindaaโuun gareen osoo sochoโanii bira gahamuu eerameera.
Humni walichaa ibsa Faanaa Biroodkaastiing Koorporeetiif ergeen, mootummaan dirree diimookiraasii balโisuufi qabsoo yaadaaf carraa balโaa waan kenneefi akkasumas rakkooleen karaa marii akka furamaniif tattaaffii taasiseen hedduun carrichatti fayyadamuu yaadachiiseera.
Haa taโu malee humnoonni finxaaleyyii uummata Amaaraa bakka hin buune filannoo nageenyaa mootummaa ofirraa dhiibuun deeggartoota isaanii biyyoota alaa jiran waliin taโuun garee siyaasaa, loltuummaa, intalajansii, miidiyaafi faayinaansii akka hundeessan bira gahamuu humni walichaa ibseera.
Damee siyaasaa, loltummaa, intalajansii, faayinaansiifi miidiyaa garee finxaaleyyii kanaa kan hoogganu nama Dooktar Wandoosan Asaffaa jedhamuun beekamu taโuu kan eere ibsichi, damicha miseensota diyaaspooraa finxaaleyyii 16 biyyoota garaagaraa jiraatan waliin hidhata uumuun deeggarsa loojistiksiifi maallaqaa taasisuun naannoo Amaaraa magaalaa Baahirdaar irraa eegalee hojii hidhattoota filuu, leenjisuu, hidhachiisuufi bobbaasuu hojjechuun sadarkaa naannoofi federaalaatti jeequmsaafi ajjeechaa akka raawwataniif ergama laachaa akka ture hordoffii fi qorannoo taasifameen bira gahamuu ibsameera.
Kanaaf ammoo ajjeechaan Ballaxaa Shaggaawufi Mihirat Wadaajoo maqaa Mirree Wadaajoo jedhuun beekamuuniifi deeggartoota isaaniin Itti gaafatamaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Amaaraa Obbo Girmaa Yeshiixilaarratti raawwate agarsiistuu taโuu kaafameera.
Humnoonni finxaaleyyii biyya keessaafi alaa kunneen qindoomina uumaniin kaayyoo badiisaanii raawwachiisuuf aanaalee Amaaraafi kanneen biroo 130 keessatti namoota dhuunfaa 450 qindeessuun hoggantoota uummanni Amaaraa filateefi sadarkaa aangoo garaagaraarra jiran humnaan fonqolchuun hojii caasaa mataasaaniin bakka buusuu osoo hojjetanii hordoffiifi qorannoo taasifameen bira gahamuu ibsameera.
Dabalataanis humna nageenyaa naannichaas hidhattoota mataasaaniin bakka buusuuf qophaaโanii turuu ragaan argame kan mulโisu taโuu kaafameera.
Dooktar Masfin Hayilamaariyaam, Dooktar Giruum Laaqawufi kanneen biroon biyya alaa taaโuun damee siyaasaa garee finxaaleyyii kana qindeessaa turuu, Antaneeh Birihaan, Warquu Guwaaddeefi kanneen biroon ammo maallaqa biyya keessaafi alaa ergamu fuuchuun ergama shororkeessummaaf akka oolchaniif lakkoofsi herrega baankii akka banameef hordoffiifi qorannoo taasifameen mirkanaaโuu eerameera.
Teewoodiroos Asaffaa dabalatee namoonni biroon sochii shororkeessummaa kanaan shakkamuun toโannaa jala ooluu humni walichaa ibsasaan beeksiseera.
Dameen miidiyaafi hololaa(Pirooppogaandaa) garichaa kan hogganamu Maskaram Abarraa kan jedhamtuun taโuu kan ibse humni walichaa, gurmaaโinsa kana keessatti biyya keessaa namni dhuunfaa Daawwit Bagaashaaw jedhamu alaa ammoo Ityoo 360fi Merrejaa TVrraa Habtaamuu Ayyaaleewu, Minaalaachoo Simaachoo, Biruuk Yibaasiifi Iyyeerusaalam Taklatsaadiq akkasumas Zamadkun Baqqalaafi Lidatuu Ayyaalew miidiyaa Ankar irraa Masaay Mokonnin fi namoonni dhuunfaa biroon miseensota gocha badii kana raawwachiisan taโuu qorannoon mirkanaaโuu ibsameera.
Humnoonni finxaaleyyii kunneen oduu sobaa uumuunfi holola shororkeessummaa afarsuun uummata sabaaniifi amantaan qoqqooduuniifi walitti buusuun mootummaa naannoofi federaalaa humnaan fonqolchuuf akkasumas biyyattiin daandii jijjiiramaafi misoomaa eegalte keessaa baatee gara jeequmsaatti akka galtuuf gareen qindaaโanii hojjechaa jiraachuu eerameera.
Humnoota finxaaleyyii biyya keessaafi alaa gareen gurmaaโuun sobaan biyya diiguuf sochoโan kanneen qorannoon shororkeessummaa irratti gaggeeffamaa jiraachuu humni walichaa ibseera.
Humnoonni shororkeessaa kunneen biyyoota jiraatanii dabarfamanii akka kennamaniifi seeraan akka gaafatamaniif akkaataa waliigaltee dhaabbata poolisii idil addunyaa Intarpool akkasumas mootummaafi dhaabbilee nageenyaa biyyoottanii waliin taasifameen hojjetamaa jiraachuu eerameera.
Humnoonni finxaaleyyii biyya alaa jiraataniifi barbaadaman kunneen qabeenya biyya alaafi keessaa argatan fayyadamuun gocha badii kanaaf oolchaa jiraahuu qorannoon kan bira gahame waan taโeef hojiin qabeenya isaanii biyya keessaa adda baasuufi seeraan toโachuu hojjetamaa jiraachuu humni walichaa beeksiseera.
Humnoonni finxaaleyyii heera mootummaafi sirmna heera mootummaa humnaan diiguun sochoโaa turan kunneen humnoota farra nageenyaa tokkummaa Ityoophiyaa hin barbaadne waliin qindaaโuun mootummaa humnaan fonqolchuuf osoo hojjetanii toโannaa jala ooluun qorannoon irratti gaggeeffamaa jiraachuu eerameera.
Hawaasni qaamolee tarkaanfii olaantummaa seeraa mirkaneessuuf fudhatamu hojii hidhannoo hiikkachiisuun walitti hidhuun burjaajjii uumuuniifi odeeffannoo dogoggoraa tamsaasan irraa akka of eeguufi irratti akka qabsaaโu humni walichaa waamicha dhiyeesseera.
Oppireeshiniin eegalame galma akka gahuuf hawaasni hirmaannaa guddaa taasisaa jiruuf galateeffachuun namoota toโannoo seeraa jala akka oolaniif barbaadamaa jiran bakka jiran akka eeruuf waamicha taasiseera.
- โ แแตแ แแฅแปแแ แฅแตแซแแ แจแแธแแต แญแ แแแ แค แฒแซแแแแ แจแฐแจแธแ แณแแฎแฝ แ แ โ แ แถ แแณแธแ แจแณแจแตแ แแ แแ แ แแฃแญ แ แแแ แฆแญแแฑแ แ แแฎแแแแณ แฒแซแแฃแฅแแต แจแแ แฉแต แ แถ แแณแธแ แจแณ แ แแ แแญ แจแแแ แแ แฅแจแแต แฅแจแแณแธแ แซแ แญแแตแแแกแก แ แฆแญแแฑ แแ แต แฒแแแฉ แจแแ แฉโฆ Read more: โ แแตแ แแฅแปแแ แฅแตแซแแ แจแแธแแต แญแ แแแ แค แฒแซแแแแ แจแฐแจแธแ แณแแฎแฝ แ แ โ แ แถ แแณแธแ แจแณ
- แแฎแแฐแญ แญแแตแซ แจแฐแฅแจแ แฎแแ แกแตแ โแซแแ แตแ แฐแฑ แจแแญแแญ แฐแธแซแญ โ แ แแตแค แแ แจแฐแฆ แ แแซแญ แฐแจแแ แฆแญแแฑ แแ แต แแแ แแ แจแแ แซแธแ แแฎแแฐแญ แญแแตแซ แแฅแจแ แญแแต โแจแฐแฅแจแ แฎแ แกแตแ แจแฐแฐแแแ แตแ แฐแฑ แจแแญแแญ แฐแธแซแญ แแโ แฒแ แ แฃแฃแแตแข แแ แ แตแซ แถแตแต แ แแซแฎแฝแ แแญแฆ แตแญแ แตโฆ Read more: แแฎแแฐแญ แญแแตแซ แจแฐแฅแจแ แฎแแ แกแตแ โแซแแ แตแ แฐแฑ แจแแญแแญ แฐแธแซแญ โ แ แแตแค แแ แจแฐแฆ แ แแซแญ แฐแจแ
- แจแตแแซแญ แแแซแ แ แตแฐแณแฐแญ แจแปแแขแซ แแญ แแแแแต แแแแจแ แกแตแ แแตแ แแแแซ แฐแ แค โแ แแแ แซแแณแแ แแแแแต แฐแแฃแญแแต แจแแแโยแแแธแแ แจแแญ แแแแแถแฝ แแซแแต แตแ แฐแต แฅแป แณแญแแ แ แฐแแแ แฅแแฐแแ แ แ แถ แ แฒแต แจแฐแแแจแ แจแตแแซแญ แแแซแ แ แตแฐแณแฐแญ แแแแซ แ แแฃแข แ แแตแ แแฐแแ แแแซแ แจแแแซแ แ แฒแฑ แ แตแฐแณแฐแญโฆ Read more: แจแตแแซแญ แแแซแ แ แตแฐแณแฐแญ แจแปแแขแซ แแญ แแแแแต แแแแจแ แกแตแ แแตแ แแแแซ แฐแ แค โแ แแแ แซแแณแแ แแแแแต แฐแแฃแญแแต แจแแแโย
- แ แแถ แบแ แจแตแแซแญ แฐแแแแฝแ แจแจแแจแแต แขแณแซแต โ แ แตแซแกแ แจแแแ แแแ แแฃ แฅแแซแแแฝแแแโ แ แแค แขแณแซแตแ แแจแจแปแธแแ แฐแฅแฃแแฃแแฃ แฅแแณแฝแฝแ แคแญแตแซ แ แจแแแต แ แฒแต แแจแแแฝ แจแฐแฐแแต โ แแแตแแแฝ แ แแฅ แ แตแ แแแฃ แซแแแแ แ แฐแ แตแแแแซแจแต แญแซแฝ แ แณแแฑโ แ แแแต แจแตแแซแญแ แแแฅ แแ แจแแซแฐแญแ แญแฅแจโฆ Read more: แ แแถ แบแ แจแตแแซแญ แฐแแแแฝแ แจแจแแจแแต แขแณแซแต โ แ แตแซแกแ แจแแแ แแแ แแฃ แฅแแซแแแฝแแแโ แ แแค แขแณแซแตแ แแจแจแปแธแ
- แฅแญแฑแซแแ แจแแฎ 16 แแแฐแฆแฝ แ แข.แข.แคแต แดแแชแฅแ แจแแฐแฐแ แแจแ แตแญแญแตแฃ แจแฝแฅแญ แแแแแ แจแแฎ แ แถแตแต แญแถแฝ แฐแจแฐแฑแฐแจแณแพแน แแฌ แจแฐแแต แ แแ แ แแฐแซแ แจแแฐแ แแญแต แคแต แแฐแณ แแตแฅ 1แ แจแแจ แฝแฅแญ แแแแ แฝแแต แแญแ แ แ แฐแแธแแ แจแแแแ แตแญแแต แฅแแฐแจแฐแณแตแแธแ แจแแจแ แฃแธแ แญแต แฐแแฆแแธแแแกแกโฆ Read more: แฅแญแฑแซแแ แจแแฎ 16 แแแฐแฆแฝ แ แข.แข.แคแต แดแแชแฅแ แจแแฐแฐแ แแจแ แตแญแญแตแฃ แจแฝแฅแญ แแแแแ แจแแฎ แ แถแตแต แญแถแฝ แฐแจแฐแฑ