Ministirri Maallaqaa Obbo Ahimad Shiidee, dhaabbileen Ameerikaa Itiyoophiyaa keessatti hojii investimentiirratti akka hirmaataniif fooramii Biizinasii Itiyoo- Ameerikaa Waashingitan DCโitti qophaaโerratti waamicha dhiheessan.
Fooramiin Biizinesii Itiyoo-Ameerikaa wal-taโinsa Imbaasii Itiyoophiyaa, Waashingitan DC jiruu fi Korporeetii Mana Maree Afriikaa fi biroo waliin teessoo mootummaa USA kan taate Waashingitan DCโtti qophaaโeera.
Waltajjiin kun dureeyyii jaboo Itiyoophiyaa fi Ameerikaa fi hooggantoota dhaabbilee walitti fiduun dilbii invastimantii Itiyoophiyaa keessatti argamu seeccaโuun adda baaseera.
Waltajjicharratti Ministirri Maallaqaa Obbo Ahimad Shiidee rifoormiiwwan gama hojii invetimentiin Itiyoophiyaa keessatti taasifaman ibsaniiru.
Itiyoophiyaan nagaa itti fufiinsa qabu, tasgabbii fi misooma dinagdeeshee cimsuuf cichoominaan hojjetaa jiraachuu Obbo Ahimad himaniiru.
Waltaโiinsa daldalaa fi invastimantii Itiyoo-Ameerikaas karoora fooramii biizinasii kana dhugoomsuuf akka gumaachu eeraniiru.
Komishinarri komishinii Investimentii Itiyoophiyaa, Lelisee Namee, gamasaaniin carraawwan investimentii miijatoo Itiyoophiyaan qabdu hundarratti hirmaattotaaf ibsaniiru.
USAโtti Ambaasaaddar Itiyoophiyaa Dr.Injiiner Silashii Baqqalaa dureeyyiin Ameerikaa gara Itiyoophiyaa dhufanii hojiilee investimentiirratti akka hirmaataniif haala kan miijessaniif taโuu dubbataniiru. Imbaasii Itiyoophiyaa USA jiruurraa odeeffanne.
OBN