Rakkoo nageenyaa naannoo Oromiyaa keessa jiru furuuf hojjetamaa jiraachuu, Pirezdaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa, Obbo Shimallis Abdiisaa himan.
Wal dhabdee fi rakkoo jiru karaa tasgabbii qabuun mariin furuun nageenya waaraa fiduufi deebisanii dhaaburratti xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu komiishiniin haaromsa biyyaalessaa beeksise.
Komiishiniin haaromsa biyyaalessaa bakka Pirezdaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa, Obbo Shimallis Abdiisaa, Pirezdaantii itti aanaa mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii dabalatee hooggansi olaanoo naannichaa argamanitti waajjira pirezidaantiitti mariโate.
Komiishinarri Komiishinii haaromsa biyyaalessaa Ambaasaaddar Tashoomaa Togaa, biyyattii keessatti qaamolee hidhatanii sochoโaniin rakkooleen gara garaa akka mudatan dubbatan.
Rakkoolee mudatan kanneen karaa cehumsa haqaatiin furuun hojjetamaa jiraachuu himan.
Rakkoo fi wal dhabdee jiru bifa tasgabbii qabuun marii fi walii galteen furuun barbaachisaa taโuu dubbatan.
Biyyoonni gara garaa lolaa fi wal dhabdee mudate booda nageenya waaraa mirkaneessuun guddina dinagdee fi Hawaasummaa mirkaneessuuf deebisanii dhaabuurratti xiyyeeffannoon hojjetu.
Biyyattii keessattis bara 1960 irraa eegalee yeroo 60 caaluuf yaaliin deebisanii dhaabuu akka adeemsifame ragaan Komiishinicharraa argame ni mulโisa.
Waggoota 2โn darban rakkoo nageenyaa mudateen biyyattii keessatti lammiileen qeโee fi qabeenyasaaniirraa buqqaโuun rakkoon Hawaasummaa fi dinagdee mudateera.
Rakkoo kanarraa hawaasa dandamachiisuuf Afriikaa Kibbaatti mariin taaโamuu ni yaadatama.
Walii galtee uumameen boodas loltoota duraanii karaa qindaโaa taโeen deebisanii dhaabuuf komiishiniin haaromsa biyyaalessaa labsii 525/2015 hundaaโuun hojiin hojjetamaa jira.
Hojiin kunis ijaarsa nageenya biyyaaf gahee guddaa qabaachuu fi sanadni qophaโaa jira.
Kaayyoon Komiishiniin kun hundaaโeef loltoonni duraanii hawaasa waliin jireenya idilee akka jiraatan, hojii misoomaa, nageenyaa fi ijaarsa dimokiraasii keessatti akka hirmaatanif yaadamee taโuu fi nageenya waaraa biyyattii keessatti mirkaneessuun misooma biyyattii utubuuf taโuu Komiishinarri Komiishinii haaromsa biyyaalessaa Ambaasaaddar Tashoomaa Togaa himan.
Sagantaa kanaan naannoleen biyyattii 7 kan hammataman yoo taโu loltoota kuma 200 fi kuma 15 hanga kuma 200 fi kuma 50 taโan deebisanii dhaabuuf karoorfamuun eerameera.
Hojiirra oolmaansaas abbummaan mootummaa Federaalaa fi naannoon kan hoogganamu yoo taโu fedhii loltoota duraanii irratti kan hundaaโuu,qaamolee deeggarsa barbaadan maanguddoota, qaama miidhamtoota dubartootaa fi daaโimmaniif xiyyeeffannoo kan kennudha jedhan.
Naannoo Oromiyaa keessatti rakkoo nageenyaa uumameen hawaasni naannichaa rakkoo dinagdee fi hawaasummaaf saaxilamee jiraachuu Pirezidaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa himan.
Mootummaan rakkoo nageenya naannichaa furuuf qaamolee hidhatanii sochoโaniif waamichaa taasisuu fi kanaanis jijjiiramni jiraachuu himan.
Qaamoleen hidhatanii jiran kunniin waamicha dhiyaateef fudhachuun karaa nagaan hidhannoo hiikkachaa jiraachuu eeranii ammallee nageenya waaraa fiduuf Komiishinicha waliin qindoominaan akka hojjetamu dubbatan.
Pirezidaantii itti aanaa mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Awwaluu Abdii gama isaaniitiin rakkoo nageenyaan biyyattiin gatii kaffalaa jiraachuu himuun, ammallee dhimmi nageenyaa dhimma xiyyeeffannoo barbaaduu dubbatan.
Komiishiniin hundaaโe kunis ariitiin hojii eegaluu qaba jedhan. Lalii Girmaatu gabaase.
OBN