Gamtichi humnoonni waraanaa Sudaan hatattamaan dhukaasa akka dhaabaniif waamicha dhiheesseera.
Gamtichi dhimmicha ilaalchisuun ibsa baaseen, lammiileen Sudaan, buโuuraalee misoomaa bishaan, elektirikii, fayyaa dabalatee tajaajiloota biroo akka argataniif humnoonni walwaraanaa jiran hatattamaan waraana akka dhaaban gaafateera.
Gamtichi dhukaasaa dhaabuun cinaattis hawaasni idil addunyaa lammiilee Sudaniif deeggarsaa namoomaa akka dhiyeessan waamicha dhiyeesseera.
Komishiniin Gamtaan Afrikaa dhimmichaaf furmaata kennuuf bara faranjootaa Eebla 20, walgaโii idil addunyaa waamuu ibsi baase kan argisiisu.
Gamtaan Afrikaa fi Gareen Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniin durfamu, jeequmsa Sudaaniin dabalatee naannawichatti mulโatu dhaabuuf tarkaanfilee Idil Addunyaa akka qindeessu eerameera.
Yaadonni murtee kennaman tarkaanfiiwwan Gamtaa Afrikaan deeggaraman taโuu ibsameera.Walgaโiin raawwii isaarratti xiyyeeffate Komishinii Gamtaa Afrikaatti harโa ni gaggeeffama.
FBC